Rakkoo hidhattoonni Faannoo kun Oromiyaa bakka gara garaatti geessisan wayita dubbii belbeltuu ta'ee jiruttidha kan WBO tumsa gareen kunii fi TPLF keessa jiranitti makamuun kan dhaga'ame. BBCn rakko nageenyaa Oromiyaa keessatti hedduu hammaate kanaafi dhimma tumsa jedhame kanarratti gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa dubbiseera.