Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomina ijaarrachuu isaanii ifoomsanii turan. Dhimma kana ilaalchisee hanga yoonatti mootummaan ifatti ibsi kenname hin jiru. Haa ta'uu malee, BBC'n dhimma nageenya irratti gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa dubbiseera.