Yaaddoo nageenya oonlyaanii daa'imman Itoophiyaatti dabale - BBC News Afaan Oromoo

bbc.com
منذ 7 ساعات
Gabaasni qorannoo UNICEF Bitootessa 2022 keessa maxxanfame akka agarsiisutti Itoophiyaatti daa'imman umriinsaanii ganna 12-17 jidduu ta'an 4 keessaa 1 (25%) interneetii fayyadamu. Gabaasa kana keessatti baay'inni ijoollee dhiiraa fi shamarranii baay'ee wal hin caalu. Daa'imman interneetii fayyadaman keessaa 2/3ffaan isaanii waayee nageenya (eegumsa) oonlaayinii beekumsa hin qaban. Ofii nageenyi oonlaayinii daa'immanii kun Itoophiyaatti hagam yaaddessaa dha? Maaltu fala?