Maatiin Mohammad Al Arusii, Oromiyaa naannawa Baalee irraa ta'anis inni Mohaamad garuu biyya Saa'uudi Arabiyaa, Makkaatti dhalatee guddate. Garuu seenaa waa'ee Itoophiyaa maatiisaa irraa dhaga'uun quuqamniifi jaalalli inni Itoophiyaaf qabu akka isa waliin guddate hima.