Jeedalli diimtuun sanyii bineeldotaa marartuu Itoophiyaatti qofa argamanii keessaa takka yoo taatu, baay'inni isaaniis baay'ee xiqqaa dha. Tibbana bineensa kanaa kan Gaarren Baalee du'aa akka jiran marsaalee hawaasaa gubbaatti ijoo ta'ee dubbatamaa jira. Jeedalli diimtuun paarkii biyyoolessaa Gaarren Baalee maaliif du'aa jiru?